Godina baha Harargee ona Malkaa Bal’oo keessatti maallaqa namoota lola kaabaa irratti du’an jechuun dirqiin uummatni akka kafalan gochaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Sadaasa 18, 2022 Lola kaaba impaayerattii Tigraay keessatti geggeeffamaa ture irratti ilmaan Oromoo humnaan qabe du’aa fi qaama hir’isaa kan turee fi qabeenya isaanii lukkuun osoo hin hafne irraa saamaa kan ture bilxiginnaan amma ammoo namoota ajjeefamaniif beenyaa isaanii uummatni akka kafaluuf maallaqa dirqisiisa jira.
Gocha kana torbee kana keessa godina Baha Harargee ona Malkaa Bal’oo keessatti araddaa Tokkummaa fi Makkannisaa keessatti uummata waltajjii waamuun maallaqa deggersa namoota lola irratti lubbuun darbitee akka qopheessan dirqisaa turan.
Araddoota kana lamaan keessatti kaleessa Sadaasa 17, 2022 irra deebiin kaabinoota uummatatti bobbaasuun akka kafalaniif doorsisa cimaa geggeessaa turan.
Kana malees guyyuma kaleessaa kana hawaasa konkolaataa qabatee gara gabaa araddaa Bareedaa deemaa turan konkolaataa irraa buusuun imala dhorkanii oolan.
Erga guyyaa dheengaddaa Sadaasa 16, 2022 milishaa gaachana sirnaa jechuun magaalaa aanaa Malkaa Bal’oo Jaajaa keessatti eebbi taasifamee namoota daandii gubbaa fi konkolaataan deeman sochii dhorkuun uummata dararaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru.

