Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti maqaa deggersaan maallaqa saamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Adoolessa 21, 2023 Waqtii qonnaan bultootni qonna isaaniif waan barbaachisu xaa’oo arganii bitachuu dhabanii fi sababa qaala’iinsa jireenyaan jireenyi itti hammaatee jirutti maallaqa deggersa paartii bilxiginnaa jechuun uummata irraa maallaqa guuruu itti fufee jira.

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti Adoolessa 5, 2023 irraa eegaluun qonnaan bultoota, hawaasa daldalaa fi namoota gita hojii adda addaa irratti hirmaachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dirqamsiisanii kafalchiisaa akka jiran barameera.

Namoota doqdoqqee oofan irraa qarshii 2100, konkolaataa 5000 fi isaa ol akkasumas abbootii dukkaanaa irraa qarshii 500 hanga 3000tti guuraa jiru.

Murni faashistii caasaa maallaqa uummata saamanii of haa jiraachisaniif bobbaaseen uummata aanaa Malkaa Bal’oo yeroo fedhan misooma haftan akkasumas biqilaa dhaabuu hin baane jechuun maallaqa 500 itti ramaduun kan kafalchiisan yoo ta’u yeroo biraa ammoo maqaa deggersa paartii badhaadhinaa jedhuun yeroo namni rakkoo keessa jirutti nama dararaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version