ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Baatii shaniin dura misooma qamadiif jechuun qonnaan bultoota godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo irratti dhukaasuun lafa gabbataa irraa kan fudhate murni faashistii pp ammas lafa qonnaan bultootaa irraa fuuchuu itti fufee jira.
Murni faashistii PP aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Jaalo Dirree Adam Boruu bakka jedhamutti caasaan uummata saamuuf bobbaafame lafa qonnaan bultootaa abbootii qabeenyaaf kennuu jiraattootni komatu.
Adoolessa 18, 2023 abbootii qabeenyaa murni PP walitti qabee mari’achiisaa ture keessaa namoota saddeet waamuun tokko tokkoo isaaniif lafa hektaara 10 kennuun isaanii barameera.
Kenniinsa lafa kanaa irratti qonnaan bultootni abbootii qabiyyee mormii kaasanis namootni 20 ta’an maaliif mormii kaastan jedhamuun hidhattoota bilxiginnaan qabamanii buufata poolisii aanaa Malkaa Bal’oo magaalaa Jaajaa jirutti hidhamanii jiraachuu jiraatoottni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

