• Sat. Jan 10th, 2026

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti qonnaan bultoota lafa irraa buqqisuun itti fufe 

Jul 28, 2023

ONM-ABO Adoolessa 28, 2023

Baatii shaniin dura misooma qamadiif jechuun qonnaan bultoota godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo irratti dhukaasuun lafa gabbataa irraa kan fudhate murni faashistii pp ammas lafa qonnaan bultootaa irraa fuuchuu itti fufee jira.

Murni faashistii PP aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Jaalo Dirree Adam Boruu bakka jedhamutti caasaan  uummata saamuuf bobbaafame lafa qonnaan bultootaa abbootii qabeenyaaf kennuu jiraattootni komatu.

Adoolessa 18, 2023 abbootii qabeenyaa murni PP walitti qabee mari’achiisaa ture keessaa namoota saddeet waamuun tokko tokkoo isaaniif lafa hektaara 10 kennuun isaanii barameera.

Kenniinsa lafa kanaa irratti qonnaan bultootni abbootii qabiyyee mormii kaasanis namootni 20 ta’an maaliif mormii kaastan jedhamuun hidhattoota bilxiginnaan qabamanii buufata poolisii aanaa Malkaa Bal’oo magaalaa Jaajaa jirutti hidhamanii jiraachuu jiraatoottni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading