ONM-ABO Adoolessa 28, 2023
Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irraa lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisuuf humnaa fi goyomsaan qabamanii leenjii waraanummaa gabaabaan kennameefii bobba’an, akeekni murni bilxiginnaa impaayerattii tursuuf ilmaan Oromoo ilaalcha sabboonummaa qaban ajjeessee fixuu akkasumas hidhee fi saamee qorqalbii cabsuu ta’uu hubachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.
Ilmaan Oromoo quuqama Oromummaa qaban kun sirna cubbamaa kana dhiisanii qawwee fi hidhaannoo guutuun WBOtti makamuu kan itti fufan yoo ta’u, dheengadda Adoolessa 26, 2023 galgala godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee irraa miseensoonni Waraana bilxiginnaa 2 qawwee Turkii 2 fi hidhannoo guutuu waliin WBO bira ga’anii jiru.
Guyyuma dheengaddaa Adoolessa 26, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo irraas waraanni PP lama Bireni 1, jorooroo bireenii 3, qawwee Turkii 1, hidhannoo 2, rasaasa kilaashii 200, boombii F1 lamaa fi boombii aaraa p1 qabachuun mooraa Waraana Bilisummaa Oromootti makamanii jiru.
Miseensota waraana bilxiginnaa duraanii kanaaf simannaa hoo’aa kan taasise WBO’n, ilmaan Oromoo sirna nafxenyaa tiksuuf osoo hin beekin qawwee baattanii jirtan gochi isin hojjechaa jirtan dogoggora ta’uu hubattanii qawwee fi hidhannoo keessan waliin dhuftanii akka Waraana Bilisummaa Oromootti makamtan jechuun dhaamsa dabarsaniifii jiru.

