Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti ooyiruu milishoota hojjedhaafii jechuun namoota dararaa fi adabaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Murni hawaasa hunda waraana  taasisee ajjeesisaa gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu bilxiginnaan qonnaan bultoota qe’ee isaanii irraa qabuun maqaa milishummaan qorra keessa bulchaa jiru, uummata jireenya dhuunfaa isaanii qaban ooyiruu milishootaa dalagaa jechuun dararaa jira.
 
Baha Harargee ona Malkaa Bal’oo araddaalee garaagaraa keessatti abbootii warraa hunda dirqamaan baasuun ooyiruu milishootaa hojjechiisuu fi miidhaan isaanii haamsisuuf aduu keessa oolchu.
 
Namoota hojii kana irraa hafan qarshii dhibba shan shan adabuun jireenya qaala’ee fi galiin namootaa gadi bu’etti hiraarsaa jiru.
 
Aanaa Malkaa Bal’oo gandoota akka Tokkummaa jaalalaa, Makkaanisaa, Ifaabas fi Dhagaa Bal’oo akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
 
Kana malees kaabinootni sirna bilxiginnaa maqaa ashuraa walitti qabuun qabeenya baadiyaa irraa magaalaa seenu lukkuu irraa jalqabee qarshii 20 hanga 200tti itti kutuun uummatatti jireenya hadheessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version