Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa aanaa Malkaa Bal’oo keessatti maqaa tumsa milishootaa jedhuun saamichi yoo hammaatu, aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti ammoo ijaarsa galma Abbaa Gadaa jechuun jiraattotni saamamaa jiraachuun beekameera

ONM-ABO Guraandhala 27, 2024

Impaayera seera-dhablummaan keessatti dagaage Itoophiyaa keessatti sabni Oromoo jiraachuuf yeroo wabii jireenyaa dhabee jiru kanatti, milishoota dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasan tumsuu maqaa jedhuun saamichi namoota irratti taasifamaa jiraachuun beekame

Akkuma kanaanis godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo ganda Firii Qabsoo keessatti torban darbe irraa eegalee milishootni baay’inni isaanii 92 ta’an leenji’aa jiraachuun kan himamu, deggersa milishoota kanaafis qarshiin 150 jiraattota irraa guuramaa jiraachuunis beekameera.

Oduu biraatiin ammoo godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti maqaa ijaarsa galma abbaa Gadaa jedhuutiin manneen jiraattotaa irra deemuun tokko tokkoo namootaa irraa qarshii 1000 fuudhaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Akka jiraattotni onichaa jedhanitti namootni maallaqa gaafataman dhabanis hidhaan dararamaa jiraachuu fi haalli magaalaa fi baadiyyaa aanichaa keessatti adeemsifamaa jiru yaaddeessa ta’uus dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version