Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti murni faashistii PP uummata Oromoo dararaa jiraachuu himan

ONM-ABO Hagayya 11, 2023

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Gabbis keessatti milishoota sirnichaaf ooyruu dalagsiisuun cinaatti, maqaa ijaarsa mana barumsaaf jedhuun maallaqas saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Ooyiruu milishoota kanaas torbanitti guyyaa lama Roobii fi Dilbata kan dalagsiisan yoo ta’u, milishaa tokkoof namoota 60 bobbaasuun hojjechiisaa jiraachuu kan himan jiraattootni nama irraa hafe qarshii 200 adabsiisaa kan jiranii fi  kanneen qarshii hin qabne ammoo waajjira dirqamaan eegsisaa jiru jedhan.

Maqaa mana barumsaa ijaarraan maallaqa qarshii kuma dhibba afurii ol kan guuran yoo ta’u, kanaan duras maallaqa inshuraansii, buusaa gonofaa fi deggersa raayyaa ittisa impaayeerattii jechuun maallaqa hedduu guuraa turan.

Murni faashistii kun muddama isa mudatee jiru irraa of baraaruuf jecha, goleelee Oromiyaa hunda keessatti uummata nagaa hiraarsuu itti fufee jiraachuun ni beekama.


Exit mobile version