Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti waraannii fi kaabinoonni bilxiginnaa saamicha maallaqaa hammeessan

ONM-ABO Caamsaa 15, 2023

Lola kallattii garaagaraan irratti geggeeffama jiruu fi sababa biyyootni akkasumas dhaaboleen adda addaa maallaqa irraa kutaniif kufaatiin dinagdee guddaan kan isa mudate murni bilxiginnaa, uummata rakkoo nageenyaa fi qala’iinsa jireenyaa impaayerattii keessatti babal’ateen miidhamaa jiran maqaa garaagaraa moggaafachuun maallaqa irraa saamanii ittiin of ijaaruuf hojjechaa jiru.

Murni bilxiginnaa waraanaa fi kaabinoota isaa tooftaa ittiin maallaqa saaman qopheessuun uummatatti bobbaasaa kan jiran yoo ta’u, godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddoota onichaa 26 ta’anitti meeshaa waraanaa kilaashii bitaa jechuun nama tokkoti qarshii 500 hanga 1000 itti ramaduun humnaan waraana itti erguun torbee darbee eegalanii walitti qabaa jiraachuu jiraattotni rakkoon kun irra ga’e dubbatan.

Aanaa Shanan Dhuuggoo kana keessatti qaamni aangoo impaayerattii of harkaa qabu bilxiginnaan, uummata jiruu fi jireenya isaa geggeeffachuu fi waan nyaatee buluu hin qabne maallaqaan dararuu fi kanneen maallaqa itti ramadame kana kaffaluu hin dandeenye waraanaan doorsisaa fi hidhaa akka jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffatee jira.

Exit mobile version