Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti maqaa meeshaa bitanna jedhuun uummata irraa dirqamaan maallaqa funaanaa kan jiran yoo ta’u, baha Harargee  aanoota akka Baddannoo, Giraawaa fi Qarsaa keessatti ammoo qaraxa jimaa ol kaasuun uummanni rakkachaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 16, 2023

Lola impaayerattii keessatti adeemaa jiruun murni bilxiginnaa humna waraanaa humnaa olii leenjisuun wal qabatee akkasumas dinagdeen biyyattii harki caalu miindaa fi bittaa meeshaa waraanaa irratti kan dhumuun, yeroo ammaa ammoo akkuma maqaa gargaarsa adda addaa moggaafachuun uummata irraa maallaqa funaanaa turan ammas bifa addaan uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jiru dirqama itti laachuun humna waraanaa of dura qabuun dararaa jiru.

Haaluma kanaanis godina Lixa  Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti kaabinoonni aanichaa waraana of dura qabuun uummata ofiifu qaala’iinsa jireenyaa irran kan ka’e jiruu gadadoo keessatti argaman dirqama itti gochuun tokkoon namootaa irra maallaqa dhibba afur guuraa jiru jedhu maddeen. 

Baha Harargee aanoota akka  Baddannoo, Giraawaa fi Qarsaa keessatti qaraxa mootumman abbaa irree ol kaaseen jimaan namoota bitan dhabuun, namoonni magaalaa Awadaay keessatti hojii jimaa hojjatani ilmaan isaanii bulfatan, har’a hojiin jimaa magaalaa Awadaay waan akka durii ta’uu waan dideef ilmaan isaanii waliin Dirree Dawaa fi Harar keessatti godaaniinii jireenya rakkinaa keessatti kufuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Godinicha keessatti rakkoon kaabinootaa fi waraana sirnichaan uummata irratti raawwatamu daangaa darbuu irran kan ka’e uummanni qe’ee isaa dhiisuun  gara biyyoota ollaa fi magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti faca’aa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version