ONM-ABO Hagayya 23, 2023
Impaayera Itoophiyaa qaala’iinsi jireenyaa keessatti hammaachuun uummanni deggersa mootummaa barbaadu keessatti, Bilxiginnaaan maallaqa dhaabaa jechuun lammiilee harka qalleeyyii irraa maallaqa funaanaa kan jiranii fi namoota waan kaffalan dhaban ammoo funaananii mana hidhaatti naqaa jiruu kan jedhan jiraattota aanaa Shanan Dhuuggooti.
Haaluma kanaan godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Gabbis keessatti baatii Hagayyaa kana qofa namootni hidhaman hedduu kan ta’anii fi kan maqaa araganne muraasnis Yusuuf Aliyyii, Mahaammad Ismaa’il, Maahammad Sheekaa, Ismaa’il Aammee fi Tuulee Abdullaa Alii namoota jedhaman yoo ta’an, isaan malees namootni mana hidhaa keessatti dararamaa jiran hedduu ta’uu jiraattotni dubbatu.
Sirnichi bara bittaa dheereffachuuf qofa rakkoo ulfaataa nurratti raawwacha jira kan jedhan jiraattotni, roorroo kana jalaa ba’uufis falli jiru tokkichi waraana bilisummaa Oromoo waliin hiriiruun impaayera Itoophiyaa jalaa ba’uudha jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif ibsaniiru.

