Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti jiraattota manneen hidhaatti darbuun dararaa jiraachuu fi manneen isaanii irra deemuun maqaa WBO deggertaan adamsaa jiraachuu ONM odeeffateera

ONM-ABO Muddee 11, 2023

Gochi faashistummaa humna tikaa bilxiginnaan manneen hidhaa baha  Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru, abdii kutannaa guddaa keessa jiraattota galchuun ilmaan Oromoo kallattii tokkoon butamanii gara waraanaatti ergamuu bira darbee,kanneen hafan irratti ammoo doorsisni jabaatee jiraachuun beekamera.

Akka jiraattonni baha Oromiyaa godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa irraa dubbisne jedhanitti, qonnaan bultootni hunduu barjaa waraana bilisummaa Oromoo karaa murna bilxiginnaa itti maxxanfamuun hireen sabichaa manneen hidhaa ta’ee mul’ataa jira jechuun dubbatu.

Namootni harka sirna bilxiginnaa seenuun hidhamanii jiran rakkoo ulfaataa argaa akka jiranii fi baatilee dheeraaf manneen hidhaa Keessa turuun yaada dhugaa fi haqa qabeessa of harka qaban qorannoo irratti himanis, garuu ilaalchi sirnichi qabatee jiru Oromoo fi Oromummaa balleessuu qofaa waan ta’eef yaada uummataa kufa taasisuun hiraarsaa jira.

Dabalataanis manneen jiraattotaa irra deemuun adamsee manneen hidhaa galchuuf guyyuu irratti hojjetaa kan jiran yoo ta’uu, torbee darbe Keessa namoota maqaan isaanii Daalacha, Muummishaa Abdallaa fi Haaruun Abdallaa jedhaman mana isaanii deemuun humnootni waraana PP yaalii ajjeechaa irratti raawwataniin harkaa dheessuun ba’uu isaanii maddeen keenya ona Shanan Dhuuggoo Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa dubbise ifoomsaniiru.

Exit mobile version