ONM-ABO Mudde 20, 2023
Fedhii fi yaada jiraattotaa malee mootummaan abbaa irree Koloneel Abiy Ayimadiin durfamu Oromiyaa guutuu Keessatti dirqiin akka sirna bilxiginnaa tiksanii fi yaadaa fi gocha sirnichi godhu akka hordofaniif jecha dargaggoota ukkamsuun Oromiyaa golee mararraa walitti funaanee mooraa leenjii isaattii galchuu jabeessee jira.
Muddee 18, 2023 jiraattota baha Oromiyaa kan ta’aan godina lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo irraa namoota baay’inni isaanii 20 ol ta’aan araddaa Gabbis qofaa irraa kan ukkaamsan yoo ta’u, osoo maatiin itti iyyanii torbanii oliif manneen namootaa irra deemuun humnaan qabuun, namoota didan irratti ammoo reebichi ulfaataan erga karaa milishootaa fi Miseensota Poolisii idileen adeemsifameen booda gara aanotaatti walitti qabuun gara dirree waraanaatti erga akka jiran jiraattonni gamasii dubbisne yaada isaanii ONMtti himaniiru.
Namoota dirqiin qabamuun deeman Keessa kan maqaa isaanii araganne muraasni isaanii: musxafaa Abdulqaadir, Sulxaan Abdallaa, sulxaan Jamaal, Hasan Ayimad, musxafaa Usmaa’eel, Jamaalee Mohammed, Adam Mohammed fi Jamaalee Hasan ta’uun Kan beekamee fi dabalataanis namootni danuun hanga ammaatti waraana kanaan qabamaa jiraachuun beekameera.

