Godina lixa Harargee ona Shanan Dhuuggoo keessatti sababa tokko malee namoota reebuu fi hidhuu hammeessan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )
Murni ilmaan Oromoo akka nagaan hin jiraanne barbaadu kaabinoota fi waraana isaa leenjii siyaasa fi waraanummaa ga’aa hin qabne meeshaa itti hidhuun uummatatti bobbaasuun godina lixa Harargee ona Shanan Dhuugggoo araddoota akka Dukkaneessa, magaalaa Gooliyaa, Keekeejjii, Qubansiqii fi Araddaa Qabsoo keessatti namoota Oromummaan yakkuun hidhaa fi reebicha hamaa irraan geessisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Kana malees dargaggoota araddoota baadiyyaa Shanan Dhuuggoo irraa dalagaaf magaalaa ona Xuulloo magaalaa Hirnaa deeman sababa tokko malee dargaggoota baayi’naan hedduu ta’an torbee kana qabanii mana hidhaatti darbanii jiru.
Akka qeerroo ona Shanan Dhuuggoo tokko Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko jedhetti nuti yakkaa dalagne tokko iyyuu hin qabnu yoo karaa irra deemnus maaiif na ilaalta, koottu ati waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun kan nu hidhaanii fi reeban jechuun, nuti har’as borus qeerroo bilisummaa Oromooti, hidhaanis ajjeechanis yoomuu duuba nun deebisu jedhan.
Sirna nama ajjeessuu, hidhuu , saamuu fi buqqisu ni balaaleeffanna jechuun yaada isaanii goolabaniiru.

