Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti hidhattoonni mootummaa murna bilxiginnaa saamicha fi reebicha jiraattoota irratti hammeessanii jiru.
ONM-ABO Hagayya 17,2022 Oromoo irratti yeroo amma murni bilxiginnaa gocha hawaasa abdii kutachiisuu tooftaa waraanaa godhachuun godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti raawwacha jiru.
Uummata qaala’iinsi jireenyaa fi hongeen miidhuun ofiifuu gargarsaa barbaadan ittumaa beelaan fixuuf hojjacha kan jiru murni bilxiginnaa godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo gandoota akka Dukkaneessaa fi Kufee Kaasaa keessatti guyyaa kaleessaa jechuun 16 ,2022 hawaasa walga’ii yaasuun maallaqa qarshii 1500 nama tokko tokkoon akka kaffalan taasisee jira.
Namoota hedduus sababa tokko malee Oromummaan yakkuun reebicha irratti geggeessaa kan jiran yoo ta’u sababa kanaaf dargaggootni hedduun jiruu baqaaf saaxilamaniiru.
Godina Lixa Harargee keessatti murni saamicha bare dabballootaa fi waraana isaa itti bobbaasee maqaalee garaagaraa itti moggaasuun saamicha kana hin jedhamne kan geggeessaa jiru yoo ta’u namoota badii tokko malee hidhan maallaqa 10,000nii fi isaa ol harkaa fuudhachuun akka gadhiisaa jiran barameera.

