ONM-ABO Ebla 18, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaa jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota maqaa adda addaa itti dhahuun saamanii ofii fi maatii isaanii jiraachisuu baran, kaffaltii waliin isaa hin beekamneen akka waliigalaatti araddicha guutummaa keessaa qarshii 240,000 akka kaffalaniif dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Nyaatee buluuf waan tokko oomishee manaa kan hin qabne hawaasni araddichaa, saamicha ergamtoota sirnichaan yeroo yeroon irratti raawwatamuun akka itti jiraatu dhabee hiraarfamaa jiraachuu fi namoota kaffaltii isaan jedhan kaffaluu didan irratti reebicha ulfaataa dabalatee dararaan irratti raawwachaa jiraachuu gabaasni ONM qaqqabe ni ifoomsa.
Faayidaan dhuunfaa isaanii gaafa itti hir’atu ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu, guyyaa guyyaan maqaa gosa kaffaltii adda addaa da’oo godhachuun saamicha raawwachuu aadaa godhatanii jiru.

