• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti murni Bilxiginnaa saamicha hawaasa irratti raawwatan jabeessanii jiraachuun himame

Apr 18, 2025

ONM-ABO Ebla 18, 2025 

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaa jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota maqaa adda addaa itti dhahuun saamanii ofii fi maatii isaanii jiraachisuu baran, kaffaltii waliin isaa hin beekamneen akka waliigalaatti araddicha guutummaa keessaa qarshii 240,000 akka kaffalaniif dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Nyaatee buluuf waan tokko oomishee manaa kan hin qabne hawaasni araddichaa, saamicha ergamtoota sirnichaan yeroo yeroon irratti raawwatamuun akka itti jiraatu dhabee hiraarfamaa jiraachuu fi namoota kaffaltii isaan jedhan kaffaluu didan irratti reebicha ulfaataa dabalatee dararaan irratti raawwachaa jiraachuu gabaasni ONM qaqqabe ni ifoomsa.

Faayidaan dhuunfaa isaanii gaafa itti hir’atu ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu, guyyaa guyyaan maqaa gosa kaffaltii adda addaa da’oo godhachuun saamicha raawwachuu aadaa godhatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading