Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha ulfaataa geggeessaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 13, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa waraana bobbaasuun Oromoon akka hin qotannee fi hin daldalanne gochuun cinatti sochii dinagdee jireenya isaanii ittiiin geggeeffachuuf hojjeatan irrattis saamicha geggeessaa jiru.

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa dantaa garaa isaanii tiksuu fi dinagdee impaayerattii lamshaa’e baraaruuf oliif gadi ifaajaa oolan, torban darbe irraa eegaluun hawaasni akka gabaa deemee waa bitee hin gurgurreef:

horii mooraa itti gurguranii baasuuf qarshii 500 

naga’ee tokko malee saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Jaleewwan Bilxiginnaa araddicha keessatti ajaja kaabinoota aanichaan akkuma argan bobbaafamuun, hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu gidirsuun maqaa kaffaltii gosa adda addaan saamicha ulfaataa geggeessaa jiraachuu fi fuula duratti illee “sichi waan kaffaltan qabdu” jechuun doorsisaa waan turaniif, jiraattonni araddichaa yaaddoo hamaa keessa jiraachuun isaanii baramee jira.

Exit mobile version