ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa gama maraan kufte deebisanii suphuuf jecha saamicha qabeenyaa ulfaataa ta’een dinagdee uummata Oromoo quucarsuu itti fufanii jiru.
Lixa Harargee araddoota garaa garaa keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa daa’imman umuriin isaanii hin geenye dabalatee jiraattota cufa maqaa “leenjii waraanaa” jedhuun erga humnaan ukkaamsanii booda “qarshii kaffaluu moo waraana ta’uu isiniif wayya?” jedhanii doorsisuun nama tokko irraa qarshii 40,000-50,000’tti fudhachaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Araddoota aanichaa cufa keessatti saamichi ulfaataan hawaasa irratti raawwatu kun jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u:
- Qawwee bituuf qarshii 500,
- Buusaa Gonofaaf qarshii 500,
- Deggersa miseensa paartiif qarshii 60,
- Deggersa milishaatiif qarshii 1,400 akkasumas,
- Deggersa mootummaatiif qarshii 1,000 dirqamaan tokko tokkoon jiraattotaa irraa guuraa kan jiran ta’uu dabaluun himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namni tokko kaffaltii gibiraa dabalatee walumaa galatti hanga qarshii 15,000’tti kaffalaa jiraachuu himuun, kanumaan wal qabatees hawaasni harka qalleeyyiin qarshii kaffalan hin qabne reebichaa fi hidhaan dararamuun cinatti ofiif illee tarkaanfii ajjeechaa of irratti fudhachaa kan jiran ta’uu dubbatu.

