Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’ootti ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed hawaasa nagaa saamuu akkaan cimsanii itti fufan

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025 

Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa kanneen uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachuun impaayera gama maraan kufte tiksuu amaleeffatan Waxabajjii 26, 2025 jiraattota araddichaa cufa waltajjii baasuun yeroo murtaa’e keessatti kaffaltii waliin isaa hin beekamne qarshii 46,000 waloon akka buusaniif akeekkachiisanii jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Impaayera Itiyoophiyaa diina uummata Oromoo taate kana hawaasa ofiiyyuu qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jiru saamanii saamsisuu akka waan sirnicha kufaatii irraa baraaruutti amanuun jaleewwan Bilxiginnaa hiriirsuun araddicha keessatti yakkoota garaa garaa raawwatee raawwachiisaa kan jiru, abbaa araddichaa kan ta’e nama maqaan isaa Dachaasaa Mahaammad Umar jedhamu ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kufaatii gama maraan impaayerattii mudate irraa dandamachuu kan dadhabe Bilxiginnaan, ergamtoota isaa kumaatamaan qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha, hidhaa fi ajjeechaan miidhaa ulfaataa geessisaa jira.

Exit mobile version