Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’ootti jaleewwan murna PP abbaa maatii tokko ajjeesuu fi uummata irratti saamicha jabeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025 

Aanaa Malkaa Balloo araddaa Mul’isaa Haqaa keessatti qonnaan bulaa tokko kan maqaan isaa Maammannuur Maammud jedhamu torban darbe keessa yakka tokko malee milishoonni sirnichaa rasaasa itti roobsanii ajjeesuun ibsameera.

Namni kun tuttuqaa siyaasaa kam irraayyuu walaba ta’uu kan himan oggaa ta’u, shiftoonni sirnichaa dhiiga uummata nagaa lolaasaa oolan kunneen ammoo Oromummaa isaa qofaaf yakkuun akka ajjeesanis dubbatu.

Kana malees onichuma magaalaa Jaajaa keessatti ammoo kaabinoonni sirnichaa bara darbe mana Abbaa Gadaa ijaarra jechuun uummata irraa qarshii 500 funaanuun ijaarsaaf osoo hin oolchin, baranas mana sana irra deebinee ijaarra jechuun akka uummanni maallaqa kaffalu dirqisiisaa jiraachuu dabaluun ifoomsanii jiru.

Ajandaan isaanii yeroo maraa dararaa uummataa malee dantaa sabaaf kan hin taane faashistoonni impaayerattii humnaa fi meeshaa isaaniitti fayyadamuun guyyuu goleelee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo hiraarsaa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version