Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa fi Daaboo Haannaa keessatti maqaa mana milishootaa ijaarra jedhuun uummata saamaa fi nama hidhaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023

Qawwee fi aangoo qabanitti fayyadamuun kaabinoonnii fi waraanni Oromiyaa keessatti bobbaafamanii jiran naasuu tokko malee uummata akka barbaadanitti cafaquun barbaadan ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi qe’ee irraa buqqisuun uummanni qe’ee isaa keessa akka nagaan hin jiraanne gochuun uummata jiruu gadadoof saaxilaa jiru.

Haaluma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa fi Daaboo Haannaa Keessatti saamichii fi hidhaan akkasuma doorsisni namoota nagaa irratti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo golgaa godhachuun adeemsifamaa jiru yeroo ammaa jiraattotatti yaaddoo uumee jiraachuu dubbatu.

Daaboo Haannaa ganda Hayinoo Gammoojjii keessaa dargaggoo maqaan isaa Caalaa Aliyyii jedhamu hariiroo waraana bilisummaa Oromoo qabda jechuun gaafa Caamsaa 9, 2023 irraa eegaluun hanga ammaatti mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Daaboo Haannaa keessatti hidhamee dararamaa jira jedhu.

Akkasuma aanaa Cawwaaqaa araddaa Gabbinaa keessatti dheengadda Onkoloolessa 16, 2023 maqaa mana milishootaa ijaarraa jedhuun namoota walga’ii baasun namni kamiyyuu dirqamaan qarshii 200 akka kanfalu gochuun irra guuraa turuu jiraattootni dubbatan.

Gandichuma keessatti  Onkoloolessa 14, 2023  uummata nagaa mana hidhaatti guuruun reebaa turuu Kan himan jiraattotni, sababni isaas milishoonni uummataan namni 1 midhaan kg 25 fi qarshii 100 kennaa jechuun yoo ajajan uummanni maaliif kennina nutiyyuu waan nyaannu hin qabnu yeroo jedhanitti reebicha ulfaataa irratti raawwachuun namoota hedduu kan hidhanii fi ammaaf kan maqaa arganne Abdulhaakim Hamad kan jedhamuudhas jedhan. Bara kana ol guddisuun qarshii 1000 ol kaffalaa jedhanii nu dirqisiisa jiru jedhu.

Itti dabaluunis erga koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattii kanaatti dhufee kaasee qaala’iinsi jireenyaa akkaan jabaachuu irraan kan ka’e namootni hedduun qe’ee isaanii gad dhiisuun iddoo adda addaatti godaanaa jirus jedhan.

Waraanni sirnichaa  magaalaa hanga baadiyyaa aanichaa keessa naanna’uun namoota doqdoqqeen namoota deddeebisuun maallaqa achirraa argataniin ofii fi maatii isaanii jiraachisan qabanii hidhuun maallaqa 5000 hanga 6000 kadfalchiisaa jirus jechuun dabaluun dubbatu.

Akkasuma namoota baadiyyaa aanichaa keessaa magaalaa waa bitu fi gurgurachuu deeman karaatti kaabinootnii fi waraanni sirnichaa nu eeguun maallaqa nu saamaa jiru, yoo didne reebichaa fi ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun hidhaa fi doorsisa nurratti raawwachaa jirus jedhan.

Exit mobile version