ONM-ABO Sadaasa 11, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate uummata irratti raawwatanii qaama isaanii olii gammachiisuuf ifaajaa kan oolan yoo ta’u, uummatni jireenya rakkoo keessa seenee jira.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti lukkeeleen Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsuu fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufuun ibsameera.
Aanaa Doobbaa araddoota akka: Tokkummaa Jaalalaa, Ifaa Haqaa fi Odaa Jaalalaa jedhaman keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa gibira humnaa olii gaafachaa kan jiran yoo ta’u, giddu galeessaan namni tokko qarshii 7,000-12,000 dirqamaan akka kaffaluuf hiraarsaa kan jiranii fi torban darbe keessa jiraattonni gibira humnaa ol itti fe’amee jiru sa’atii 24:00 keessatti akka kaffalaniif doorsisanii jiraachuu jiraattonni araddoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Kana malees, aanaadhuma kana keessaa araddoota adda addaa irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed impaayera jiguu geesse tiksuuf dargaggoota Oromoo humnaan dirqisiisanii gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu fi kanneen leenjii hin deemnu jedhanii didan immoo qarshii hedduu adabaa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.

