Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Doobbaatti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuun qarshii guddaa saamaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa loltoonni faashistii PP dargaggoota jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararuun qarshii gurguddaa gaafachuun yoo isaan didan ammoo, gara leenjii waraanaatti guuruu fi achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Aanaa Doobbaa araddaa Biyyoo jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa adda addaa itti maxxansuun hidhaatti darbatanii garmalee dararuun qarshii gurguddaa gaafachaa kan turan yoo ta’u, ammas bifa haarawaa ta’een torban darbe keessa dargaggoota maqaan isaanii Guutuu Saadiqoo, Asiladdiin Abdallaa Aammee fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessuuf hoggaa jedhan dargaggoonni hedduun waan didaniif reebicha, saamichaa fi hidhaan hiraarfamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen ONM’f eeranitti, dargaggoota hedduu hidhanii gatii gurguddaa isaan ittiin ba’an gaafataa kan jiran yoo ta’u, dargaggoo Guutuu jedhamu irraa qarshii 30,000 ol, dargaggoo Asiladdin irraa immoo qarshii 24,000 saamuun gadi dhiisuu dubbatu.

Exit mobile version