ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Aanaa Hawwii Guddinaa araddaa Haroo Duubaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hedduu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii dararaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 20, 2025 nama Obbo Abdallaa Ibraahim jedhamu ukkaamsuun reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda hidhaatti darbachuun qarshii 120,000 irraa nyaatanii gadi dhiisuu jiraattonni araddichaa ONM’f eeranii jiru.
Kana malees aanaadhuma kana, araddaa Hara Maddaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa nama Obbo Mahaammad Saafii jedhamu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hanga gabaasni kun qindaa’etti qarshii guddaa akka isaaniif kaffaluuf garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Lukkeelee Bilxiginnaa keessaa tokko kan taatee fi adda durummaan qaamolee Bilxiginnaaf qarshii gurguddaa maatii hidhamtootaa irraa kan fuutu dubartii maqaan ishee Nasiimaa Bakrii jedhamtu ta’uun dabalataan ibsameera.

