ONM-ABO Gurraandhala 12, 2025
Murni nama nyaataan impaayerattii hawaasa meesha maleessatti afaan qawwee garagalfachuun loltoota isaa gubbaa hanga gadiitti bobbaasee saamicha, hidhaa, doorsisa, ajjeechaa fi gochoota suukkaneessoo adda addaan dararaa raawwachuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota dirqamsiisuun maqaa kaffaltii gosa garaa garaan saamicha irratti bobba’anii kan jiran gandicha keessaa kana dura namoota harka qalleeyyii ta’aniin “isin qarshii hin qabdan” jechuun bira darbamaa ture, amma immoo hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabnee fi kaffaltii jedhame kaffaluu hin dandeenye dirqamsiisuun “qarshii hanga jenne fudhannu malee” jechuun jiraattota harka qalleeyyii ta’an kana ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Gurraandhala 9, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen harka qalleeyyii araddichaa namoota maqaan isaanii:
- Shaafii Mahaammad,
- Rashiid Hasan,
- Faaxumaa Jamaal,
- Mahaammad Fo’aadee,
- Amiinaa Daraaroo,
- Maariyaam Saadiqoo fi
kanneen baay’inaan 63 ta’an “qarshii isin gaafanne kennuu diddan” jechuun hidhaatti darbatanii jiraachuun baramee jira.

