Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti saamichi maqaa kaffaltii gibiraatiin hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatu hammaatee jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Lola impaayerri Itiyoophiyaa yeroo addaa addaatti geggeessaa jirtuun dinagdeen impaayerattii laamsha’uu irraan kan ka’e, yeroo ammaa ergamtoonni Bilxiginnaa bakka hundatti maqaa gosa kaffaltii hawaasni dhaga’ee hin beekne kanneen akka: Ispoortii, Buusaa Gonofaa, Inshuraansii Fayyaa, Gibira, nyaataa fi uffata milishaa, ijaarsa waajjira gandaa jedhuu fi kanneen biroo hedduudhaan saamicha hamaa ta’e uummata ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa miite irratti raawwachaa jiru. 

Aanaa Qondaalaa ganda Shaggaa jedhamu keessatti ergamtoonni maafiyaa PP jalqaba baatii Muddee irraa eegaluun jiraattota gandichaa guutummaa irraa gibira waggaa shaniif hin kaffalin turtan amma kaffaluu qabdu jechuun, nama tokko irraa qarshii kuma kudha shan  dirqamaan saamaa kan jiru yoo ta’u, akka gandichaattis qarshii miiliyoona afurii fi kuma dhibba saddeet walitti qabachuuf karoorfatan keessaa hanga ammaatti qarshii miiliyoona afur guurratanii jiraachuu fi kan hafe ammoo hanga Amajjii 16, 2025’tti funaannatanii xumuruuf beellama qabachuun hawaasa harka qalleeyyii irratti dararaa hangana hin jedhamne raawwachaa kan jiran ta’uu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Jiraattotni dubbisne kun hawaasni gandichaa sababa qaala’iinsa jireenyaatiin miidhamee waan nyaatee bulu iyyuu dhabee gidiraa hamaa keessa jiraachuu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa naasuu tokko illee ilmaan namaaf hin qabne ammoo impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu dinagdeen suphuuf jecha afaan qawwee itti qabuun saamicha ulfaataa irratti raawwachaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version