ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Yakkamtoonni murna bilxiginnaa ofii yakkoota daangaa hin qabne hawaasa nagaa irratti raawwachaa harka biraan ammoo qulqulluu of fakkeessuun addatti ammoo qonnaan bultoota Oromoo hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan yakkamaa taasisuun saamicha irratti raawwachaa jiru.
Godina Lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaatti jiraataa araddaa Ibsaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Baarentoo jedhamuu fi haadha manaa isaa kan taate Aadde Saaroo ukkaamsanii hidhaatti darbachuun Onkoloolessa 9, 2024 qarshii kuma dhibba tokkoof torbaatama (170,000) maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii “isin ajjeefna” jedhanii doorsisuun irraa fudhatanii gargar qooddatanii jiraachuu jiraattonni itti dhiheenyaan beekan ONM’f himaniiru.
Araddaama kana keessaa jalqaba ji’a Onkoloolessaa keessa ergamtoonni bilxiginnaa sobaan yakkuun namoota maqaan isaanii:
- Obbo Mahaammadee Abdii,
- Jawaar Mahaammadee,
- Ibraahim Daawwee,
- Badhaasaa Aliyyii Quphannee jedhamanii fi
kanneen lakkoofsaan 280 ol ta’an qabanii waajjira poolisii aanaa Hawwii Guddinaa keessatti hidhuun garmalee dararaa jiraachuu fi qarshii gurguddaa gaafachaa kan jiran yoo ta’u, namoonni hidhamanii jiran kunneen waan kaffalan dhabanii rakkachaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Kaabinee araddichaa kan ta’e nama maqaan isaa Diinaa Usmaayyoo Aliyyii jedhamu ilmaan Oromoo hidhaatti guuruun dararaa hamaa irraan gahaa kan jiruu fi qarshii kumaatamaan lakkaa’aman hawaasa harkaa saamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa itti dabaluun ONM’f himaniiru.

