Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaatti lukkeeleen Bilxiginnaa daldaltoota irratti gatii gibiraa garmalee dabaluu fi jiraattota irratti saamicha geggeessuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 25, 2024

Ergamtootni bilxiginnaa ilmaan Oromoo roga isaaniif danda’ame maraan hacuucuu fi mirga sarbuun diinadgeen dadhabsiisuuf addatti immoo daldaltoota Oromoo irratti kufaatii dinagdee labsuun dararaa hamaa raawwataa kan jiran yommuu ta’u, godina Lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaatti lukkeeleen Bilxiginnaa kun daldaltoota irratti gatii gibiraa garmalee dabalanii jiraachuun ibsameera.

Aanichatti daldaltoota sadarkaa gadaanaa irra jiran dabalatee kanneen harka qalleessa ta’anii fi jireenya harkaa gara afaanii jiraatan, ilmaan isaanii bulfachuuf illee waan tokko hin qabne irratti kaffaltii guddaa ida’uun dirqiin namoota  kaffalchiisaa jiraachuu maddeen keenya eeraniiru.

Kana malees, kaffaltii gibiraan alatti yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun nagahee tokko malee hawaasa irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, namoota doqdoqqee oofan badii tokko malee doqdoqqee isaanii jalaa qabuun qarshii 3,000-5,000 gaafataa kan jiranii fi abbootii qabeenyaa aanichaa ukkaamsanii mana hidhaatti darbachuun qarshii hedduu kaffalanii akka ba’an gochuun, uummata aanichaa irratti dararaa hamaa geessisaa jiraachuu jiraattonni kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version