Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti caasaan sirna biltsiginnaa uummata milishootaaf hojii ooluu didan hidhaa fi maallaqa kafalchiisaa jiraachuun barame

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Murni faashistii PP qaamolee qawwee baatanii aangoo isaa tiksaniif maqaa adda addaan milishaa hanga raayyaa ittisa impaayerattiitti leenjisee uummata gidduutti bobbaasuun saamuu, ajjeesuu fi hidhuun cinaatti ooyiruu ba’anii akka sirna abbaa lafaa duriitti hojjetaniif dirqisiisuun warra irraa hafe ammoo hidhaa fi maallaqa irraa guuraa jiru.

Dheengadda Eebila 27, 2023 godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa ganda Umar keessatti waraanni PP nama lama maqaan isaanii Naccoo Mahaammad Ahimed Daawud fi  Haakim Aliyyii Mahaammad jedhaamu milishaaf ooluu diddan jechuun uleedhaan tumanii harka duubatti hidhuun mana hidhaatti darbatan.

Kana malees aanaa malkaa Bal’oo keessatti bulchaan aanichaa maqaan isaa Jamaal Sammaan jedhamu milooshota uummata irraan miidhaa ga’an maaliif komattan jechuun uummata doorsisa.

Waajjira isaatti namoota akka Naajii Mahaammad, Feesal Ibraahim fi Sheek Abdallaa jedhaman isin namoota nu irratti kakaasaa jirtu jechuun waajjira bulchiinsaa fi nageenya bilxiginnaa waliin akeekkachiisa cimaa itti kennaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Exit mobile version