Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’oo keessatti Dargaggoo ukkaamsuun leenjii waraanatti erguu hammeessan

Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’oo keessatti Dargaggoo ukkaamsuun leenjii waraanatti erguu hammeessan.

( ONM-ABO Waxaabajjii 7,2022 )

Dabballoonni PP sirnichaaf amanamoo ta’an waraana isaanii naatoo dhala namaaf hin qabne uummata nagaatti bobbaasuun godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo gandoota hedduu keessatti jalqaba baatii Waxabajjii irraa qabuun halkan mana uummataa irra deemanii cabsuun seenanii dargaggoota dirqiin ukkaamsuun leenjii waraanaatti ergaa jiraachuu maatin ijoollee ukkaamfamanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Itti dabaluunis maqaa Deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhuun waraannii sirna PP afaan qawween doorsisuun maallaqa uummata saamaa jiru.

Aanaan Malkaa Bal’oo gandoota 24 kan qabdu yoo ta’u abbaan araddaa ,Araddaa bulchu keessaa dargaggoo hedduu adda waraanatti ergeefi mallaqa guddaa funaanuun galii godhe badhaasa qarshii fi bilbila harkaa badhaafama jiraachuus Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateraa.
Uummatni godina Harargee sababa roobni dhabamee hongeen dheerateef rakkoo jireenya hamaa keessa kan jiranii fi gargaarsi namoomaa kan isaan barbaachisu ta’us murni maafi’aaf PP kun uummata saamuun rakkoo irratti rakkoo biraa itti fiduun uummatatti jireenya hadheessaa jiru.

Exit mobile version