Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Faashistoonni murna PP Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’oo keessatti hidhaa fi saamicha uummata irratti hammeessan

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Hammeenya malee gaarummaan yeroo tokkoof irraa mul’atee kan hin beekne goolessitoonni  tiksitoota impaayera Itiyoophiyaa, dararaa isaanii ilmaan Oromoo irratti hammeessuun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti uummata nagaa dhiiga boochisaa jiru.

Bulchiinsi nama nyaataan kun gochoota diinummaa isaa jabeessuun guyyaa dhufee darbuun hidhaa, ajjeechaa suukkaneessaa, saamichaa fi dararaa ulfaataa garaa garaa saamtota waraana isaa garaa isaanii qofaaf jooran qe’ee uummataatti bobbaasuun jiruu fi jireenya hawaasaa golgoleessaa oolu.

Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Caffee Waltahaa keessatti uummata irratti reebicha hamaa raawwachuun maallaqa humnaa olii irraa kan fudhatan oggaa ta’u kanneen maallaqa hin qabne ammoo hidhaatti galchanii dararaa kan jiran yoo ta’u, aanichuma keessaa ammoo Amajjii 9, 2025 ijoollee 8 kan umuriin isaanii 12 ta’an qabanii achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Exit mobile version