Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti tiksitoota sirna PP’n hidhaa, reebichaa fi saamichi jiraattoota irratti hammaachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024

Faashistoonni waraana bilxiginnaa ilmaan Oromoo hiraarsuuf koloneel Abiy Ahimediin Oromiyaa bakkeewwan addaa addaa keessatti bobbaafaman guyyaadhaa gara guyyaatti dhiiga lammiilee nagaa lolaasaa oolan dabalatee saamicha daangaa hin qabne, hidhaa fi reebicha jabaas hawaasa irratti raawwachuun miidhaalee qaamaa garaa garaa irraan ga’uun jiruu fi jireenya Oromoota maraa mancaasaa jiru.

Saba Oromoo dachee Oromiyaa irraa dhabamsiisuuf halkanii fi guyyaa kan dhama’an ergamtoonni sirna gabroomfataa bilxiginnaa gochoota diinummaa isaanii kan yeroo kamuu caalaatti ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.

Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo magaalaa Jaajaa keessatti kaadiroonni fi waraanni sirnichaa abbootii qabeenyaa kanneen daldalanii fi dukkaana qaban maallaqa maqaa hin beekamneen irraa saamaa kan jiranii fi kanneen kennuu didan irratti reebicha hamaa fi hidhaa geggeessaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Haaluma kanaan abbootiin qabeenyaa kunneen saamicha irratti raawwatamaa jiru kanaan kasaaraa keessa galuun dukkaana isaanii cufanii baqachaa jiru. Kana malees namoonni hedduun jiruu isaanii irraa maqaa deggertoota WBO’ti jedhuun qabamanii waajjira poolisii aanichaatti dararaa hamtuu argaa jiraachuu maddeen keenya dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version