ONM-ABO Guraandhala 3, 2026
Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo Araadda Bokkoo Jalaalaa keessatti gaafa Amajjii 27, 2026 sirna dhableeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa haadha maqaan ishee Aadde Faatumaa Yaquub jedhamtu halkan keessaa tooraa sa’a 5:00tti mana jireenyaa ishee itti cabsanii seenuun gudeedanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himaniitti haadhi kun fayyummaan ishee haala yaaddessaa irra jiraachuu ifoomsuun akkuma aanichaa guutummatti gochoota wal fakkaatoo akkasii irra deddeebiin loltoonni sirnichaa meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti hammeessuu itti fufaanii jiru.
Ergama qaama isaanii olii irraa itti kennamu qofa raawwaachuuf kanneen bobbaafaman ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu maqaa gara garaa itti maxxansuun reebuu, hidhuu, qabeenya saamuu fi yakka malee ajjeessu hojii idilee isaanii godhachun ummataa nagaa jireenya isaa booressaa jiru.

