Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa godina baha Harargee ona Malkaa Bal’oo keessatti qeerroowwan Oromoo humnaa fi goyomsaan poolisii idilee Oromiyaa taatu jechuun leenjii waraanaaf erguun ifoome

Baha Oromiyaa godina baha Harargee ona Malkaa Bal’oo keessatti qeerroowwan Oromoo humnaa fi goyomsaan poolisii idilee Oromiyaa taatu jechuun leenjii waraanaaf erguun ifoome.

( ONM-ABO Caamsaa 3030,2022 )

Akka maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina baha Harargee ona Malkaa Bal’oo jedhanitti torbee darbe keessa qeerroowwan Oromoo hedduu gandoota baadiyaa onichaa irraa walitti qabuun miindaa gaarii isiniif kafalla akkasumas lola hin deemtan poolisii idilee ta’uun naannoo keessanitti deebitu jechuun goyomsaa turan.

Qeerroowwan goyomsaan waraanaa fi dabballoota sirna PP didan ammoo humnaan qabuun bakka tokko tursisan.

Qeerroowwan kunneen gandoota akka Caffee Wal ta’aa, Makkanniisaa, Tokkummaa Jaalalaa, Dhagaa Bal’oo fi araddaa Mul’isa Haqaa irraa hedduuminaan guuramuun guyyaa sadii dura leenjii waraanaaf fe’amuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Murni maafi’aa PP tasgabbii siyaasaa mareen qaamoota dhimmi ilaallattu waliin taa’uun fiduu irra lola ajandaa dursaa godhatee hojjechaa jiru har’a illee barcuma siyaasaa isaa tikfachuuf daa’immaan dantaab goyomsuu fi kijiba itti afarsuun du’aa kaadhimaa akka jiru ni beekama.

Exit mobile version