Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni jibbamaan pp godina baha Harargee ona Dadar keessatti uummata nagaa dirqamaan raayyaa ittisa biyyaa deemuu qabdan jechuun dararuu daran hammeessee jiraachuu jiraatootni dubbatan

Murni jibbamaan pp godina baha Harargee ona Dadar keessatti uummata nagaa dirqamaan raayyaa ittisa biyyaa deemuu qabdan jechuun dararuu daran hammeessee jiraachuu jiraatootni dubbatan.

( ONM-ABO Waxabajjii 15,2022 )

Baha oromiyaa keessatti jaarmayaan fedhii aangoo malee dantaa uummataa qabne murni jibbamaan PP maqaa Itoophiyaa ijaarra jedhuun ilmaan Oromoo dirqamaan dirree waraanatti oofuu hammeessun waxabajjii 13/2022 godina baha Harargee ona Dadar araddoota hedduu keessatti qeerroowwan abdii biyyaa ta’an manaa manatti irra deemuun dirqamaan leenjii raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhutti bobbaasaa jira.

Eebbifamtoota yuuniversitii sababa hojii dhabuutiin rakkachaa jiran hunda koottaa caarraa hojii mootummaan isiiniif qopheesse jiraa fi miindaa Ol’aanaan isiniif kafala jechuun sossobanii walitti qabuun konkolaatan fe’anii adda waraanaatti geessaa jiraachuu maddeen keenya ona Dadar Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Kanumaan wal qabatee murni PP kun kufaatii isa mudachaa jiru irraa of bararuuf tooftaalee adda addaan fayyadamuun ilmaan Oromoo gowwoomsuun fedhii isaanii malee dirqamaan waraanaatti yaasaa jiraachuun akkuma beekamu yuuniversiitilee adda addaa keessattis beeksisa maxxansuun xiyyaara ooftan ittiin jechuun gara waraanatti goyomsaan funaanaa jiraachuu maddeen yuuniversitiilee ibsaniiru.

Exit mobile version