Murni bilxiginnaa godina baha Harargee ona Jaarsoo fi Haramaayaa keessatti dararaan itti fufuu jiraattootni dubbatan.
( ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )
Dararaan uummata Oromoo irratti raawwatu jabaatee itti fufuun godina baha Harargee ona Jaarsoo fi Haramaayaa keessatti itti fufee jira.
Ona Jaarsoo araddaalee hedduu keessatti poolisoonni idilee waraana murna bilxiginnaan leenjifamanii bobbaafamanii fi poolisootni idilee gaaffii tokko malee namoota nagaa daandii gubbaa deeman reebaa fi waraqaa eenyummaa hin qabdan jechuun hidhaa jiru.
Leenjii waraanaa jechuun daa’imman umriin hin geenye dirqiin qabanii ergaa kan jiran yoo ta’u, ona Jaarsoo keessatti namni maqaan isaa Abdii Wallaggaa jedhamu uummata reebuun dararaa namoota jiran keessaa adda duree dha.
Kana malees godinuma baha Harargee ona Haramayaa keessattis hidhaa, saamichii fi reebichi ilmaan Oromoo irratti jabaatee jiraachuu odeessi maddeen godina baha Harargee irraa dhufe ni addeessa.

