Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummata Oromoo godina Baha Harargee ona Haramaayaa irratti dararaan maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa jedhuun uummata irratti raawwatu jabaate

Uummata Oromoo godina Baha Harargee ona Haramaayaa irratti dararaan maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa jedhuun uummata irratti raawwatu jabaate.

ONM-ABO Fulbaana 16, 2022 Baha Harargee aanaa Haramaayaa araddoota akka Baatee 03 fi Xinniqqee keessatti uummata Oromoo qaala’iinsa jireenyaan rakkoo hamtuu keessa jiru deggarsa raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa jechuun dararaa irratti geggeessaa jiru.

Araddaa Batee 03 keessatti deggarsa kennaa jechuun namoota nuti maallaqa hin qabnuu jedhan humnaan miilishummaa fi gaachana sirnaatti erguun akka leenji’an taasisuun kanneen dhukkuba himatan ammoo dorsisaa fi reebicha irratti raawwatu.
Ona Haramaayaa kana keessatti hojjetoota miindaa gadaanaa irraa qarshii 500 eegalee hanga sadarkaa guddaatti kan fuuchaa jiran yoo ta’u abbootii dukkaanaa irraa ammoo qarshii 1000 irraa eegalee hanga ruuza kiiloogiraama 25tti fuudhu.

Gochi kun araddaa Xinniqqee keessattis hammaatee kan itti fufuun dirqamaan sangaa lamaa qarshii 120,000n bichisiisuun uummata cufa irraas maallaqa funaananii lola uummata Oromoo hin ilaallaneetti ergaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Haramaayaa gabaasaniiru.

Exit mobile version