Ajjeechaa fi dararaan murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti finxaaleyyii Amaaraa bobbaasee raawwatu godina Baha Wallaggaa ona Giddaa Ayyaanaatti hammaachuu jiraattootni dubbatan.
ONM-ABO onkololessa 31, 2022 Murn bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti dararaa hiriyaa hin qabne ajjeechaa jumlaa dabalatee raawwachaa jirun alatti humnoota finxaaaleyyii Amaaraa leenjiii fi leeccalloon tumsuun uummata Oromoo dararsiisuu itti fufsiisee jira. Humni maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo dura humna biraa dhaabuuf hundeeffame kun da’oo murna bilxiginnaan uummata Oromoo godina baha Wallaggaa ona Giddaa Ayyaanaa irratti dhiibbaa jajjabaa gochaa jira. Ajjeechaa konkolaataa dhaabanii raawwatan malee saamicha, manneen gubuu, qabeenya ooyiruu irraa mancaasuu fi ilmaan Oromoo ukkaamsuu raawwatu. Dheengadda Onkololeessa 29, 2022 konkolaataa lama Giddaa Ayyaanaa irraa gara magaalaa Naqamteetti deemaa ture gaara Diichootti ukkumsuun imaltoota hedduu kanneen barattootni barnootaaf deemaa jiran keessatti argaman rasaasaan rukutanii ajjeesuun gariin ammoo miidhaa qaamaa irraan ga’anii jiru.
Namoota ajjeefaman baay’ee keessaa kan maqaa arganne Lalisaa Gammachuu, Taaddaluu Gaarradoo fi Habtee Galataa kanneen jedhaman yoo ta’u dubartii ulfa baatii 8, Fayyinee Alamaayyoo jedhamtu rukutamtee madaa’uun hospitaala Giddaa Ayyaanaatti yaalamaa jirti. Gocha badii kana keessatti humoota finxaaleyyii waliin kanneen hirmaachaa jiran bulchaa aanaa, itti aanaa bulchaa aanaa, Itti gaafatamaa waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa akkasumas itti aanaa hogganaa poolisii aanichaati. Murni bilxiginnaa lafa Alii jedhamutti ammoo humnaan hidhattoota finxaaleyyii kanaaf qochiisisaa kan jiru yoo ta’u lubbuu fi qabeenyaa torbee tokko keessatti marsaa sadii gaara Diichoo qabachuun geggeessaniif murni faashistiin kun ifatti waan jedhe hin qabu.

