Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee Aanaa Malkaa Ballootti jiraattotni maallaqaa fi midhaanni dirqamaan irraa guuramaa jiraachuu himan

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti, araddoota Bokkoo, Caffee fi Biiftuu Nagayaa jedhaman keessaa jiraattotni rakkoo nageenyaa fi dinagdee hammaataa isaan quunnamaa jiru irratti yaaddoo guddaa keessa jiraachuu ibsan. 

Akka odeeffannoon jiraattota naannoo sana irraa argametti, torban darbe keessa gareen murna maafiyaa PP maqaa qawwee binna jedhuun uummata hunda irraa qarshii 5,000 guuruu jalqabuu himu. Akkasumas sababaa nyaata miliishaa jedhuun, midhaan hanga kiiloo giraama 80 ta’u maatii harka qalleeyyii irraa illee dirqamaan guuramaa jiraachuu dubbataniiru.

Jiraataan aradda Bokkoo tokko, maqaan isaa akka hin eeramne gaafachuun, akka jedhetti,

“Namni kaffaltii kana hin kaffalle doorsifamaa fi rakkifamaa jira. Harki qalleeyyii baay’een waan nyaataa maatii isaaniif dhabanii jiru ”jedha.

Jiraattotni biroo ammoo, guurinsi kun seera ala akka ta’ee fi jireenya isaanii guyyaa guyyaan akka miidhu himu. Keessumaa, yeroo midhaan nyaata maatiif ta’e dirqamaan fudhatamu, rakkoon mana keessaa akka hammaatu sodaa qaban ibsaniiru.

Exit mobile version