Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti ajjeechaa, hidhaa, saamichi fi gubaatiin manneenii hidhattoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatame

ONM-ABO Bitootessa 5, 2024

Ajjeechaa, hidhaa, gubaatii fi saamichi waraana faashistii PP’n Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti raawwatu gocha duguuggaa Sanyii fi akeeka Oromoo hundeen balleessuu ta’uu, gochoonni guyyaa gara guyyaatti Oromiyaa kutaalee garagaraa keessatti rawwaatu ni mulisa.

Lixa Shaggar aanaa Jalduu gandoota akka Qooftuu, Sariitii Dhanquu fi Bonii keessatti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi gubaatiin manneen qonnaan bultootaa irratti guyyoota lamaaf walitti fufiinsaan raawwatamee ooluu jiraattotni gandoota kanneenii dubbatu.

Obbo Taaddalaa Tolasaa jiraataa ganda Qooftuu kan ta’e guyyaa dheengaddaa Bitootessa 3, 2024 hidhattootni gandoota kanneenitti bobbaafaman qe’ee isaa keessatti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni dubbatu.

Guyyuma sana sa’a wal fakkaataatti obbo Mootichaa Atoomsaa jalaa mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbadeessuun horii gaanfaa 5, hoolotaa fi re’oota hedduu waliin jalaa saamuu dubbachuun, obboleessuma isaa Tolasaa Atoomsaa jalaa qabeenya hedduu saamuus dabaluun dubbatu.

Aanichuma ganda Sariitii Dhanquu keessatti guyyaa kaleessaa Bitootessa 4, 2024 maanguddoo obbo Gammachuu Baayisaa jalaas mi’a mana keessaa dabalatee maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabda jedhuun maanguddoo siyaasa hin beekne jalaa gubanii barbadeessuu dabaluun ibsaniiru.

Akkasumas Ganda Bonii keessattis obbo Guddee Dibaabaa jalaa guyyaa kaleessaa Bitootessa 4, 2024 horii sa’a tokkoo fi hoolota jalaa saamuun isa manaa dhabnaan haadha manaa isaa ulfa ji’a sadii kan taate qabanii hidhuu dubbachuun, obbo Guddataa Fayyisaa jalaa midhaan kuntaala 3 saamuun abbaa isaa Fayyisaa Dhinsaa irratti reebicha ulfaataa raawwachuun ibsuun, Hirphaa Iddeessaa fi Mul’isaa Dibaabaa reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda bulchiinsa magaalaa Boniitti hidhanii jiraachuu jiraattonni dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version