ONM-ABO Muddee 2, 2023
Addunyaa kana irratti namni kamuu mirga lubbuun jiraachuu fi akkuma ogummaa isaatti wantoota garaa garaa dalagee jiruuf jireenya isaa kan geggeeffatu yoo ta’u, Impaayera Itoophiyaa keessatti garuu uummanni Oromoo Addunyaa irraa faallaa ta’uun ajjeechaa, saamicha, hidhaa, fi qe’een isaa ibiddaan gubachuun ofii ammoo bakkee keessa ciisaa jira.
Haaluma kanaan lixa Shaggar keessaa aanaan Jalduu fi Cobii tokko yeroo ta’an yoo xiqqaate erga ganna sadii as uummanni aanota kanneenii guyyaan osoo ajjeefamuu fi qabeenyi isaa gubachuun barbadaa’uu yoona ga’e.
Sadaasa 28, 2023 aanaa Jalduu ganda Gooroo keessatti abbaa maatii nama umuriin isaa 50 ta’e fi hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatu obbo Gaaddisaa Gaddafaa kan jedhamu sababa tokko malee hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin uummatatti bobbaafaman rasaasa itti roobsuun ija maatii isaa duratti ajjeesuu jiraattotni himu.
Akkasuma aanaa Cobii ganda Marsaa Lakkuu jedhamu keessatti gaafa Sadaasa 27, 2023 manneen namoota nagaa mi’a mana keessaa dabalatee ibiddaan gubanii barbadeessanii jiru.
Namoonni manni isaanii jalaa gubachuun barbadaa’e kunneenis obbo Darajjee Dabalaa jalaa mana qorqorroo 2 gubanii horii gaanfaa 20 jalaa yoo fudhatan obbo Tarruu Daadhii jalaa horii gaanfaa 24 fudhachuun qalatanii nyaatan jechuun jiraattotni himu.
Gandichuma keessatti gaafasuma obbo Tashoomaa Safaraa ammoo mana isaatti balleesaa tokko malee itti ol seenuun ajjeesanii biraa deemanis jedhu.

