ONM-ABO Adoolessa 25, 2024
Lixa Shaggar aanaa Jalduu fi Cobii keessatti midhaan hawaasaa ji’oottan darbe irraa kaasee yakka tokko malee maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun namoota hedduu irraa konkolaataan guuramaa jiraachuu jiraattonni onoota kanneenii ONM’tti himan.
Gosoota midhaan akka boqqolloo, qamadii, garbuu, xaafii fi kanneen biroon waraana faashistii PP gandoota baadiyyaatti bobbaa’aniin saamamaa kan jiru yoo ta’u, namoonni waraana kana jalaa baqachuu dhiisanii manatti eegan ammoo reebicha, hidhaa fi ajjeechaan dararamaa akka jiran beekameera.
Kana malees aanaa Jalduu fi Cobiitti waqtii gannaa kanatti namoonni ooyiruu isaaniitti bobbaa’anii hojii qonnaa akka hin geggeessineef waraana gabroomfataa PP’n dhorkamanii kan jiran ogguu ta’u, namni ooyiruutti bobba’uun hojii hojjetu argamnaan akka ajjeefamus murtiin darbee jiraachuun ibsameera.
Dabalataanis lafa maatii waraana Bilisummaa Oromoo ammoo uummata itti yaasanii milishoonni fi kaadiroonni sirnichaa dhuunfaa isaaniif qochisiisaa jiru.
Dargaggoo maqaan isaa Tolosaa Barii jedhamu jiraataa aanaa Cobii ganda Goraa Lalisaa kan ta’e milishoota sirnichaaf ba’ee qonna qotuu didnaan rasaasaan rukutanii akka madeessanis jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

