ONM-ABO Ebla 1, 2024
Ajjeechaan tibba kana godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti geggeeffamaa jiru kan duguuggaa sanyii irratti xiyyeeffatamee jechuun jiraattotni fi maddeen garaagaraa ONM’tti dubbatan.
Ajjeechaa jumlaa fi gubaatii manneenii dabalatee duula jabaa uummata Oromoo irratti banee kan jiru qaamni biyya bulchina ofiin jedhu bilxiginnaan torban darbe irraa eegaluun duula waraanaa uummata harka duwwaatti bane kun kan egeree sabichaa yaaddessuu fi gara badisaatti oofu ta’uu akeeku.
Guyyaa kaleessaa jechuun Bitootessa 31, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Sariitii Dhanquu keessatti dargaggoota lama kan maqaan isaanii Waltajjii Margaa Guutaa fi Dirribaa Caalaa Sobbooqaa jedhaman hidhattootni kunneen gara mana jireenyaa isaaniitti imaluun qabanii erga karaa irraan ga’aniin booda rasaasa itti roobsuun lameen isaaniyyuu ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneen maatii qonnaan bultootaa irraa akka dhalatanii fi hojii qonnaan maatii isaanii gargaaruun kan jiraatan yoo ta’u hidhattootni kunneenis sababa tokko malee mana maatii isaaniitii baasuun karaa irratti ajjeesanii akka bira darban dubbatu.
Gandoota aanaa Jalduu keessatti namoonni hedduun balleessaa isaanii malee ajjeefamuun akkasumas manni isaanii irratti gubachuunii fi jumlaan guuramanii akka hidhamanii hiraarfamaa jiran dubbachuun, kun hundumtuu callisuu uummata Oromoo fi tuffii sirnichi ilmaan Oromoof qabu irraan akka ta’es dabaluun ibsaniiru.
Guyyuma kaleessaa kanas nama nagaa hojii qonnaa hojjechuun jiraatu kan maqaan isaa Gammachuu Hirkoo jedhamu qabanii hidhuu jiraattonni kunneen dabaluun addeessaniiru.

