Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Wal-Qixxee keessatti hidhattoonni PP hidhaa fi saamicha hammeessan

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Murni maafi’aa Bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota hedduutti hidhaa, dararaa fi ajjeechaa hammeessee uummata Oromoo cabsuuf karoora baafateen ilmaan Oromoo qe’ee isaanii irratti miidhaa gurguddaa irraan ga’aa jira.

Haaluma kanaan sirni qawween aangoo isaa tiksachuun qananii dhuunfaan jiraachuu barbaadu Bilxiginnaan uummatni sodaa aangoo isaatii akka horataniif godina Lixa Shaggar aanaaa Meettaa Wal-qixxee ganda Meexxii Haroo iddoo addaa Qobboo jedhamtu keessatti hidhattoota isaa bobbaasuun, Obbo Margaa Absaa, haadha manaa isaa fi daa’imman isaanii waliin, Dirribaa Birraatuu, Kabbuu Birraatuu fi Damee dhufeeraa kanneen jedhaman hidhuun addatti immoo Obbo Margaa Absaa qabeenyaa isaa horii gaanfaa 7 fi bushaayee 4 jalaa ooffachuun barameera.

Namoonni kunneenis namoota nagaa hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’uun jiraatan malee waa’ee siyaasaa keessaa qooda kan hin qabne ta’uunis beekameera.

Akka maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti ummanni Oromoo bakkaayyuu hidhaa, ajjeechaa fi dararaan hiree nuuf taatee waan jirtuuf, tokkummaan kaanee garboomsaan PP nu ga’a jechuu qabna jedhaniiru.

Exit mobile version