Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee keessatti saamichi qabeenyaa fi gubaatiin manneen jiraattotaa irratti waraana faashistii bilxiginnaan raawwate

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024

Guyyaa irraa gara guyyaatti hojiin isaanii ilmaan Oromoo gidirsuu kan ta’e faashistoonni murna PP gara laafina tokko malee guutuu Oromiyaa keessatti namoota hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi qe’ee jiraattotaa ibiddaan barbadeessuu jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan waraanni gabroomfataan bilxiginnaa Waxabajjii 24, 2024 Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal Qixxee ganda Haroo Meexxii jedhamu keessatti saamicha horii fi qabeenyaa akkasumas manneen uummataa qabeenya keessa jiru waliin guutummaatti gubanii barbadeessuu maddeen gabaasan.

Namoota Manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e; Muluu Xaafaa, Diroo Dabalaa, Amanaa Dheeressaa, Tasfaayee Ayyaanaa fi Dabalaa Alamuu kan jedhaman yoo ta’u, Didhaa Magarsaa kan jedhamu jalaa ammoo horii 7 yoo fuudhan Margaa Absaa jalaas midhaan ardaba shanii fi sangaa qonnaa tokko jalaa fudhachuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version