Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Faashistoonni murna bilxiginnaa Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Wal- Qixxee keessatti gubaatii manneenii fi saamicha qabeenyaa jiraattotaa irratti hammeessan

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Tiksitoonni imphaayera Itiyoophiyaa kabaja dhala namaaf hin qabne sabaa fi sablammoota imphaayerattii keessaa addatti uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun guyyaa irraa gara guyyaatti hidhaa, saamicha, manneen hawaasa nagaa ibiddaan gubanii barbadeessuu fi ajjeechaa hamaa raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Murni badee balleessaan bilxiginnaa afaaniin Oromoof dhaabbanna jechaa afaan qawween immoo sabicha cabsee kolonii ilmaan habashootaa jalatti galchuuf dhama’u  saamtota waraana isaa uummatatti bobbaasuun lubbuu fi qabeenya Oromoota maraa mancaasaa jira.

Haaluma kanaan faashistoonni murna Bilxiginnaa Adoolessa 24, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal Qixxee ganda Wagiddii Baddeessaa keessatti manneen uummataa gubuun qabeenyas saamanii deemuu jiraattoonni dubbatu.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunneenis: Walee Urgeessaa mana 2 qabeenya guutuu waliin, Tulluu Damee mana 2 qabeenya guutuu waliin, Gulummaa Tulluu mana 2 qabeenya guutuu waliin jalaa gubuun erga barbadeessaniin booda, Tulluu Damee fi obboleessa isaa Dhaqqabaa Damee qabanii kan deeman yommuu ta’u, akkasumas Qullubbii ardaba 10 uummata jalaa fudhachuun, qabeenya kanneen akka; Maangoo, Abukaadoo fi Muuza ciranii balleessuu jiraattoonni miidhaan kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version