Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti tikni PP tokko ajjeefamuun meeshaan irraa hiikame

ONM-ABO Adoolessa 9, 2024

Caasaan bilxiginnaa yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata Oromoo irratti raawwachuun guyyaa guyyaan onnee sabichaa madeessaa kan oolan yommuu ta’u, godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti tikoota bilxiginnaa diinummaa uummataa qaban irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira.

Dheengadda Adoolessa 7, 2024 Ona Meettaa Walqixxee magaalaa Minaaree jedhamtu keessatti WBO’n tarkaanfii fudhatee qondaaltota bilxiginnaa keessaa itti gaafatamaa ajjeesuun qawwee AKM tokko irraa hiikkatee jira.

Aanaa Meettaa Walqixxee keessatti waraana bobbaasuun ajjeechaa, saamicha, gudeeddii fi hidhaa raawwachaa kan jiran ergamtoonni bilxiginnaa, sababa kanaanis uummatni dararamaa jira.

Maatii baay’ee qe’ee irraa buqqisuu, qabeenya mancaasuu fi hidhaan dararuun meeshaa bilxiginnaan uummata Oromoo aanichaa ittiin rakkisaa jiru yoo ta’u, WBO’n mataa waraana bilxiginnaa gochoota kanaaf gaafatamoo ta’an lola keessaa fi lolaan alattis mooraa akkasumas magaalaa keessatti du’aan adabaa jira.

Exit mobile version