Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa saamaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Hagayya 5, 2024 

Dhala namaaf hanga bineensaa naasuu tokkollee kan hin qabnee fi kabajaa namummaa kan hin beekne waraanni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdaa fi ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun uummata nagaa dararaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirruudha.

Haaluma kanaan, waraanni sirnichaa godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee ganda Meexxii Haroo jedhamu keessatti “ijoollee keessantu bosona jira” jechuudhaan uummata nagaa saamaa jiru, namootni isaan saaman kunneenis:

  1. Tolashii Yaadasaa jalaa qarshii 4,000
  2. Obsee Hirphee  qarshii 4,000
  3. Damee Dinqaa qarshii 4,000
  4. Dhaabaa Birruu qarshii 10,000
  5. Addunyaa Hundee qarshii 5,000
  6. Tafarii Mootii qarshii 60,000
  7. Damshuu Adinoo qarshii 70,000
  8. Guutaa Beejjii jalaa qarshii 40,000
  9. Badhaadhaa Tolaa jalaa qarshii 70,000 saamanii jiraachuu maddeen keenya himanii jiru.

Akka maddeen kun jedhanitti, murni nama nyaataan PP kun, uummata nagaa namoota 65 ol haala kanaan saamuu himuun, gocha dabaa irratti raawwatamaa jiru kana qaama itti himatanis dhabuu fi rakkoo hamtuu keessa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version