Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti waraanni imphaayera Itiyoophiyaa qorqorroo mana uummataa irraa diigee mooraa ittiin ijaarrachaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Adoolessa 30, 2024

Waraanni bilxiginnaa maqaa ‘Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun golee Oromiyaa hunda keessatti uummata nagaa hiraarsaa jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan, Adoolessa 24, 2024 waraanni imphaayera Itiyoophiyaa godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti qorqorroo mana uummataa irraa diiguun mooraa ittiin ijaarrachaa jiraachuun beekamee jira.

Aanaa Meettaa Walqixxee ganda Meexxii Haroo jedhamutti namoota maqaan isaanii Obbo Badhaadhaa Raggaasaa fi Obbo Balaachoo Kabbadaa jedhaman jalaa mana jireenyaa isaanii irraa qorqorroo diiggachuudhaan mooraa waraanaa ittiin ijaarrachaa jiru. Wayita ammaa kanas, maatii fi namoonni kunneen bosona keessa dhokachuun waqtii gannaa kanaan roobaa fi beelaan gidiraa hamaa argaa jiraachuu maddeen keenya eeranii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, waraanni faashistii PP kun, ganda Baqoo Jal’isaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Obbo Daggafaa Yaadoo jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jechuun erga qabanii booda, qarshii 25,000   irraa fudhatanii “akka nuti maallaqa kana si harkaa fudhanne nama tokkotti dubbattee jennaan, si ajjeefna” jechuudhaan doorsisuu isaanii namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version